rammis910@gmail.com

Ani Muslima.Haasawa Zohraan Mamdaanii daqiiqaa Soddomiif nama kumaataman lakkaawamuu fi media addunyaa kan namni Miliyeenni meeqa laalu dura dhaabbate hawaasa bal’aa keessatti godhe keessaa ka akkaan natti faaneeyse jacha dura ka inni oggaa if ibsu “Ani Muslima” ja’e dubbate kana.Haasawa isaa keessatti osoo ani paarti demokraatiti , ani biyya akkanaati ,ani gosa tana hin ja’in dura wanni inni ittiin boone ittiin dhaadate jacha “Ani Muslima” ja’u kana.!Subhaanallaah !Nama garii ka sadarkaan qaba ja’ee if yaadu ka hanga goflaa bookee hin mizaanneetu “Ani muslima “ jachuu irraa qaanfata.Ani biyya akkanaati ,an magaala akkanaa irraahi , an gosa akkanaa irraahi ja’e if dubbata ammoo amantii isaa ka ittiin qaanfatu tahu argita.Wal gahii osoo taa’utti jiru yoo salaatni gahe niin salaata jachuu qaanfata.Amantiin isa biratti xuqamtullee irraa dubbachuudha sodaata.Yaa obboleessa kiyya.!Yeroon ati sadarkaa dhugaa san argattu yeroo bu’ura amantii teetiin boonte ,waan itti amantee dhugoomsiteen qaanfachu baatte qofa jachuu naaf hubadhu.Namnilleen hanguma ati ejjannoo qabdu si kabaja.Zohraan Mamdaaniin injifannoo guddaa kan argateen sababa waan itti amane bu’ura jireenya isaa waan tahe hundaan booneefi ,ittin qaanfatini.Namni nama ejjannoo qabu jaalata.!Rabbiin islaama godhee nu jiraachisee islaamummaa irrattiis nu haa ajjeesu..!Hub : Zohraan nama mutadayyina jachutti hin jiru nama amantiin akka jattutti jireenya isaa jiraatuus jachutti hin jiru…Ammoo hawaasa warra dhihaa dura dhaabbatee muslima tahuu isaatti boonuu itti qaanfachuu dhabuu isaatu na gammachiiseen ja’e.Namni hedduun sadarkaa xiqqoo qabaate maqaa ani muslima ja’uun qaanfataan ja’e.!“Ani Muslima ,Ani Muslima ,Ani Muslima,Ani Muslima.”Mataa ol qabadhu ittiin booni.


Subscribe to my newsletter

Discover more from Nesru Michael

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading

Design a site like this with WordPress.com
Get started