Ajajni hidhaa Netaaniyaahuu irratti ba’e.Manni murtii ol’aanaa Turkiyyee duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwatame ilaalchisee ajaja hidhaa Netaaniyaahuurratti baaseera. Manni murtii Turkiyyee Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Itamar Ben-Gvir dabalatee qondaaltonni ol’aanoo Israa’el 35 irratti himanni banamuu beeksiseera. Manni murtichaa himannaa kana kan baase, duguuggaa sanyii loltoonni Israa’el ajaja Netaaniyaahuun lammiilee Falasxiin kuma 70 ol irratti raawwatan hordofeeti. Ministeerri Dhimma Alaa Turkiyyee murtee mana murtii Turkiyyee kanaan itti gammaduu ibsuun, Turkiyyeen biyya haqaaf dhaabbattu ta’uu ibseera. Biyyoonni biroos qondaaltota Israa’el irratti tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan dhaamaniiru jechuun CNN, Al Jazeera fi miidiyaaleen kaan gabaasaniiru. Manni murtii yakkaa idil-addunyaa (ICC) bara 2024tti hogganaa Israa’el Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa Israa’el duraanii Yuav Gallant ajaja hidhaa baasee turuun isaa kan yaadatamuudha.SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Koottuu nadhaqqabiMiidhameera sirraaMee dawaa naaf ta’iYoo naate narraaHadaraa jaalalaaNaaf hin laaftuu garaaAddunyaa tana gubbaaSumaatu naaf jia
