What could you do differently?

 Yerooumriin kee waggaa 15 gad turetti sammuu kee maal fa’iin leenjisaa turte? Haa ta’u! Amma garuu daa’imman kee teeknooloojiitti leenjisi. Saayinsiitti leenjisi. Yoo akkas goote INVENTOR biyya kanaa keessaa daa’imni kee tokko jechuudha. Kana hin gootu taanaan garuu duubatti hafumaa biyya keetii fi dhaloota keetiif dhagaa bu’uuraa keessee dabarta.”Thomasyeroo ammaa kanatti ‘Revolutional 3D printing’ kan harka 15 printer isa duraan jirurra caalu kalaqe. Thomas Suarez akka jedhetti koodii namoonni biroo barreessan kompiitara isaarratti fudhatee RUN gochuudhan adeemsota jiran qayyabachaa gara waan haaraa kalaquutti dhufe.  ThomasSuarez Intarviwuu bara 2012 godhameefirratti akkas jedhe, “Yeroo ammaa kana gama teeknooloojiitiin barattoonni barsiisota isaanii ni caalu”.  ThomasSuarez akka ragaatti fudhachuudhaanis gareen qorannoo sammuu daa’immanii akka ibsetti daa’imman gargaarsa tokko malee ofii isaaniitiif waanta barbaadan baruu akka danda’anidha.  Thomasyeroo amma kanatti kaampaanii mataa isaa ‘TOM CAT CARROT’ kan jedhamu ‘app club’ kan ta’e abbummaan gaggeessaa jira. Thomas Suarez yeroo egeree isaa gaafatamettis Programmer cimaa ta’uu akka danda’u, app club isaa akka jabeessuu fi Android irratti gahusa olaanaa gonfachuu akka barbaadu dubbate. Thomas Suarez Biliyoonara addunyaa kana gara fuulduraa jedhamee yaadama.  Irraa haa barannu!!  “Addunyaan garamitti imalaa jirtii? Daandiiwwan milkaa’inaa maal fa’i? Dhaloonni milkaa’an maal maal hojjetaniituu? “Baay’ee ciisaa fi taa’aa turreerra. Yeroo kanattimmoo deemuu qofaan nun baasu. Kanaafuu fiiguu qabna ”Dr Abiy Ahmed” Daa’imman keenya umrii xiqqummaa isaaniitti maal shaakalchiifnaa? Hanna? Lola? Jibba? Dhibaa’ummaa? Haaloo? Akka saayikooloojiin jedhutti sammuun nama kamiiyyuu umrii waggaa 15 olitti guutummaan guddinasaa ni dhaaba jedha.  Kanajechuun akkuma waan bona olkaa’an ganna itti fayyadamu jedhan sana, sammuu umrii waggaa 15 gaditti guddate sanatti fayyadamaa jirra jechuudha.Kutaa kana kessaatti  Seenaawwaan barsiisoo  Gorsaa  Dhangaawwaan Xurree namoota milkaawoofi  Eertuuwwaan Namoota wojjiin ilaala OprahWinfrey (1954 –) Keessummeessituu sagantaa haasawa, dhiibbaa uumuu, barreessituu, tola ooltuu, taphattuu filmii fi nama miidiyaati. Oprah Winfrey jireenya Ameerikaa ammayyaa keessatti gahee olaanaa taphattee jirti, kessaattu adeemsa aadaa bocuu fi kaayyoowwan bilisaa adda addaa guddisuudhaan. Qophii haasawaafi kitaabota isheetiin dhimmoota dubartoota Ameerikaa mudatan hedduu irratti xiyyeeffattee hojjeete jirti, jirtis.  Dubartoota gurraachota Ameerikaatif fakkeenya guddaa taatee, gufuulee ijaan hin mul’anne hedduu cabsiteetti.  “Adventure guddaan ati fudhachuu dandeessu jireenya abjuu keetii jiraachuudhaan.” jeetti –Opraa Wiinfrii. @nasrumikail

@nasrumikail

Subscribe to my newsletter

Discover more from Nesru Michael

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading

Design a site like this with WordPress.com
Get started