https://nesrumichael.bigcartel.com/nesru-michael
Siyaasni fedhii dhuunfaa bu’uureffate xiyyeeffannaan isaa bu’aa irratti waan ta’eef gatii adeemsichi kaffalchiisuuf dhimma hin qabu. Aangoon ittiin argadha jedhee yoo amane adeemsichi biyya yoo diiges isaaf homaa miti. uummata nan qabsaahaaf jedhu gatii yoo kaffalchiises dhimma hin qabu. Bu’aa dhuunfaa isaa malee, adeemsicha bu’aa wajjin wal qixxeessee hin ilaalu.Kitaaba Mootummaa Ida’amuu keessaa kan fudhatame.