Nesru Michael

https://nesrumichael.bigcartel.com/nesru-michael

Siyaasni fedhii dhuunfaa bu’uureffate xiyyeeffannaan isaa bu’aa irratti waan ta’eef gatii adeemsichi kaffalchiisuuf dhimma hin qabu. Aangoon ittiin argadha jedhee yoo amane adeemsichi biyya yoo diiges isaaf homaa miti. uummata nan qabsaahaaf jedhu gatii yoo kaffalchiises dhimma hin qabu. Bu’aa dhuunfaa isaa malee, adeemsicha bu’aa wajjin wal qixxeessee hin ilaalu.Kitaaba Mootummaa Ida’amuu keessaa kan fudhatame.

Subscribe to my newsletter

2 responses to “Nesru Michael”

  1. hiree gaariidha
    Intala bareedduu takkoon wal barte. Guyyaa lama hin turree yeroo gaaffii jaalalaa dhiyeessituuf ishiinis sin dinne tole siif jette.Guyyaan lakkaa’amaa deeme, ishiinis jaalala keetin si harkatti baqaa deemte. Ati yaaduma akka amala keetii gaaffii jaalalaa dhiyeessiteef malee baay’eema jaalala ishiidhaaf hin qabdu. Yeroo hunda ishumatu siif bilbila. Atimmoo yoo barbaadde hin kaastuyyuudha. Message siif barreessitee osoo ati bantee hin ilaalle ammas kan biraa siif ergiti.Pirofaayilii feesbuukii ishii suura kee taasifti. Ati garuu dhimma ishii hin qabdu. Siif salphaadha durba barbaadde waliin burraaqxa.Guyyaa barbaadde koottu na bira buli jettuun waan tokko osoo mataa hin marin dhuftee si bira bultee akka barbaadde siif taati. Qarshii dhuma ishiitin si affeerti, waan barbaadde siif bitti. Amma dandeessu hunda si gammachiisuf jiraatti.Garuu gaaf tokko hojii kee dhageessi. Kanin dhaga’e dhugaadha moo jettee si gaafatti. Atimmoo akka amala keetii soba jettee itti kakatta. Gaafas si amantee bira siif dabarti. Ati silaa gocha kee kana hin dhiiftu ammas guyyaa biraa dubartoota biraa faana ijuma ishiitin si agarti. Har’a garuu balleesse dhiifama jettaan. Ishiinis waan si jaalattuuf dhiifama siif gooti. Ati garuu sobdeeti malee garaa keetirraa dhiifama hin gaafanne. Gocha badii kee itti fufuu hin dhaabne. Ishiinis yaaduutti kaati. Isaaf hin maluu? Maalin itti hir’ise laata? Ani hin bareeduu? jechuun yaadan waxalamti. Ta’us garuu jaalala keessan cimsuuf ammas humna ishiitii ol dhamaati. Garuu omaa ati waan hin jijjiiramneef abdii sirraa kutachuudhan sirraa gargar ba’uuf murteessiti.Haa caalatu jetta waan dubartoota heedduu mimmiidhagoo ta’aniin marfamtee jirtuuf. Erga ishiin si dhiiftee deemtee ammas si Rabbi si gargaaree intala maal fakkaattu kan ishii harka meeqan caaltu takka waliin hariiroo eegalta. Jaalallee kee ishii haaraa kana waliin suura wajjin kaatee post gochuudhan ishii durii san guggubuutti kaate. Ishiinis suura keessan ni agarti. Ni gubatti. Onneen ishii ni caba. Boo’ichatti kaati. Si dagachuudhaf amma dandeessu ni yaalti.Jaalalleen kee ishii haaraan akka malee miidhagdu tun sirratti kan biraa dabalatti (jaalatti) Dubartiin sirraatti jaalattee waan hin beeknef ni aarta, gargar baatu. Kan biraa barbaaddachuutti kaata. Ati silaa hin dhabduu hunduu siif milkaa’a. Garuu hundi isaaniyyuu fageenya dheeraa si oofuu hin dandeenye.Waan hunda gootee gaafa dadhabdu dhumarratti intalli si jaalatte takko qofa ta’uu ni barta. Ishii jireenya ishii siif gubde san. Ishii akka barbaadde siif ta’aa turte san. Ishii itti taphattee onnee ishii madeessite sana. Kaatee feesbuukidhaan message barreessudhaaf murteessite. Garuu hin dandeessu. Block si gootee jirti Bilbila bilbiluuf kaate. Hin dandeessu, bilbila kee hiitee jirti. Ammas abdii osoo hin kutanne qaaman barbaaduutti kaata. Gaaf tokko karaatti wal agartu. Bareedduun ati itti taphatte sun ammas akkasuma. Arguu keetti ni gammadda. Haasofsiisuf murteessita. “Si hubachuu dadhabee heedduu si miidhera, dhiifama naaf godhi kana booda ofin sirreessa” yeroo ati jettuun dargaggeessi dhaabbii bareedaa qabu tokko duubaan dhufee ishii haammata. Kaadhimaa ishii akka ta’ee fi cidha godhachuuf akka yeroo muraasni isaan hafe sitti himtee wal haammatanii si bira darbanii deemu.Kaadhimaa ishii akka ta’ee fi cidha godhachuuf akka yeroo muraasni isaan hafe sitti himtee wal haammatanii si bira darbanii deemu. Osoo urjii meeqa lakkooftuu addeessa harka kee keessa turte san akka dhabde siif gala… …Ati garuu akka mucaa kanaa hin ta’in, Durba si harka jirtu kunuunsi, Ishiidhumaan gammadii jiraadhu!!!@nesrumichael

    Liked by 1 person

Discover more from Nesru Michael

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading

Design a site like this with WordPress.com
Get started